Cuunfaa jijjiirama qoqqobbii

Yoo si yaaddesse sararaa gargaarsa coronavirus 1800 675 398 (sa’aa 24) bilbili.
Afaan hiikaa yoo barbaadde, TIS National 131 450 irratti itti bilbili.
Duwwaa sadden (000) haala sardamaa qofaaf qabadhu.

Waan yaadachuu qabdu

  • Haguuggoo fuulaa ufachu qabda yaroo manarraa deemtu.
  • Namoota kaan irraa wal irraa hiiqa gahaa tahe yoo xiqqaate meetirii 1.5 eeggachuu qabda.
  • Yeroo hunda harka kee dhiqadhu
  • Yoo dhukubni sitti dhagahame mana turi. Dalagaa hin deemin.
  • Tishuu yookaan ciqilee kee keessatti qufa’i yookaan haxxifadhu
  • Mallattoo dhukubaa coronavirus (COVID-19) yoo qabaatte laalamuu qabda.
  • Coronavirus hundi tola laalama. Kunis kan dabalatu namoota Medicare hin qabne, namoota biyya alaa irraa do’annaaf dhufani, hojetoota godaanoo (migrant workers) fi kolu-galtoota (asylum seekers) dabala.

Fuula kana irra

Qoqqobbii Victoria kan yaroo ammaa

Karoorri qoqqobbii laaffisuu fi tarakaanfiileen Victoria gara sadarkaa daandii Dandamata COVID (COVID NORMAL) deebisuu Coronavirus (COVID-19) roadmap to re-opening keessatti ibsamee jira

Karoorri tokko ka naannoo magaalaa Melbourne fi tokko ammo ka baadiyaa Victoriaf ni jira.

Yoo haalli jijjiirame Qondaalli Ol-aanaan Fayyaa qoqobbii jijjiiruu danda’a.

Naannoo Magaalaa Melbourne

Tarkaanfii lammaffaa: naannoo magaalaa Melbourne keessa Fulbaana 28 bara 2020 irraa eegalee.

uggurri mana turuu (bandoon) hin jiru taha magaalaa Melbourne keysa, 28-fuulbana-2020 sa’aa 5 bariisaa irraa eegalee.

Sababoota afuran kanaaf yeroo kam illee mana irraa deemuu dandeessa:

  • Nyaata bitachuu fi waan si barbaachisuu kan biroof
  • Sochii qaamaa (ulaa ala fi sa’aa murtoofteef)
  • Hojii hayyamame
  • Kunuunsa kennuu, gargaarsa yookaan wal’aansa fayyaa barbaaduuf
  • Sochii qaamaa fi waan si barbaashisu bitachuuf, mana kee irraa fageenya kilometirii 5 keessa tahuu qabda.

Yaroo kana irraa eegalee:

  • Maatiin mana lamaa hanga namoota shaniitti mana keessaa alatti wal arguu ni danda’u.
  • Barattotni zero kalaassiiraa hanga kutaa 6 dhwaataan barmootatti deebiu, VCE/ VET/VCAL fii manneen barmoota addaa teermii 4-ffaa keessa taha
  • Oolmaan daa’immanii deebisee banama.
  • Bakki dalagaa hedduun ni banaman.
  • Bakki daakaa ni banaman, leenjisaan tokko hanga namoota lamaatti.
  • Kadhannaa alatti wal gahamu hanga namoota shanii fi luba amantii tokko waliin ni hayyamama.
  • Walfuudhi alatti namoota shaniin (kan wal dhuudhan lameenii fi ragaa namoota lama dabalatee) ni hayyamama.
  • Yoo sababa seerawaa malee baadiyaa Victoria deemte Poolisiin Victoria hanga $4,957 si adabuu danda’a. Hiriyoota fi maatii kee waliin hin jiraanne baay’inni isaanii shan caalu waliin alatti yoo wal agarte akkasuma adabamuu dandeessa. Hiriyootnii yookaan maatiin kee sababa quufsaa, kan akka kunuunsa kennuu malee yoo, mana kee si dubbisuu dhufan adabamu dandeessa.

Tarkaanfii Sadii: yoo dhukubni kun yagutoo (average) isaa guyyoota 14 dabran (guutuma godinaa – satate-wide) keessa dhibee haarayni shanii gadi tahee fi ogessii fayyaa itti waliif gale.

Yeroo kan irraa eegalee

  • Manaa bahu dhoarkamuu fi mana irraa deemuu yookaan gageenya deemuu qabdu irratti qoqqobbiin hin jiru taha.
  • Mana keessaa alatti hanga namoota 10 wal gahuu ni danda’u.
  • Maatii mana biraa irraa si dubbisuu dhufan hanga maatii namoota shanii qabaachuu dandeessa. Maatii mana tokko keessaa tahuu qaban.
  • Barattootni Kutaa 7-ffaa hanga Kutaa 10-ffaa gidduu jiran mana barmootaatti tarii deebi’uu mala Yoo lakoysi dhibee dhukubaa gadi hir’atee fii yooogeessi fayyaa itti waliif gale.
  • Bakki gabaa fi refeensa yookaan dabbasaa (hairdresser) deebisanii ni banaman.
  • Manni nyaataa fi manni bunaa teessuma ala hanga namoota 10 keessummeessuu danda’a.
  • Isportiin alaa qaamaan wal hin tuqne kan namoota gurdguddaa bakkatti deebi’a. Isportiin alaa kanneen umriin isaanii wagga 18 gadi tahe (qaamaan wal tuqan fi wal hin tuqne) itti fufa.

Tarkaanfii Xumuraa: gorsa ogeessa fayyaa irratti hundaawee fi guyyoota 14 dabran keessa dhibeen dhukubaa haarayni hin mul’anne yoo tahee fi ogeessi fayyaas itti waliif gale.

Yeroo kana irraa eegalee

  • Alatti hanga namoota 50 wal gahuu ni danda’u.
  • Mana keetti keessummoota hanga namoota 20 qabaachuu dandeessa.
  • Bakki gabaa hundi ni banamu.
  • Manni nyaataa fi manni bunaa ni banamu mana keessa namoota 20 kan teessisuu fi walumaa gala keessummoota hanga 50 qabaachuu ni danda’u.
  • Nageenya isaa irratti hundaawee isportiin itti fufa. Isportiin qaama wal tuqsiisu kanneen umrii hunda keessa jiraniif ni banama.
  • Wal-fuudhuu fi awwaalchi hanga namoota 50 irratti argamuu ni danda’an.
  • Adeemsi amantii ni jalqabama, seera fageenya marsaa mitira afurii eegachuun

COVID Normal: Yoo guyyoota 28-iif (guutummaa godinaa) keessa dhibee haarayaan hin jiru yoo tahe, fi Australia keessa dhibeen kun deebisee hin ka’u yoo tahee, fi ogeessi fayyaa yoo itti waliif gale.

Yeroo kana irraa eegalee

  • Haala nageenyaa irratti hundaawee qoqobbiin ni laaffata yookaan ni kaasama.
  • Namoota mana irraa dalagaa turaniif bakka dalagaatti deebi’uun ni eegalama.
  • Wal-fuudhaa fi awwalcha irratti argamuuf lakoysni hin murteessamu.
  • Wal-gahuu fi manatti walitti dhufanii wal dubbisuuf lakoysni hin murteessamu.

Baadiyaa Victoria

Tarkaanfii Sadaffaa:

Fulbana 16 bara 2020 baadiyaa Victoria keessa sa’aa 11.59 halkanii irraa eegalee:

  • Baadiyaa Victoria keessa mana kee keessaa bahuus tahe fageenya hanga deemuu qabdu irratti qoqqobbiin hin jiru.
  • Mana keessaa alatti hanga namoota 10 wal gahuu ni danda’u.
  • Maatii biroo keessaa hanga namoota shaniitti kan dhufanii si dubbisan qabaachuu dandeessa. Keessummaan si dubbisuuf dhufanis maatii tokko irraa tahuu qabu. Yeroo qoqobbii kana keessa kan si dubbisuu dhufan maatii tokko qofa filachuu dandeessa. . Ijoolleen umriin isaanii 12 gadi tahe lakoysa maatii si dubbisuu dhufan keessatti hin lakayaman.
  • Manni nyaataa fi manni bunaa teessuma ala hanga namoota 10 keessummeessuu danda’a.
  • Namoota gurdguddaaf gara isportii qaamaan wal hin tuqneetti deebi’uun ni jalqabama. Isportiin alaa kan umriin isaan 18 gadi taheef kan (qaamaan wal-tuquu fi wal hin tuqne) ni jalqabama.

Tarkaanfii Xumuraa: gorsa ogeessa fayyaa irratti hundaawee fi guyyoota 14 dabran keessa dhibeen dhukubaa haarayni (guutuma godinaa keessa) hin mul’anne yoo tahee fi ogeessi fayyaas itti waliif gale.

Yeroo kana irraa eegalee

  • Alatti hanga namoota 50 wal gahuu ni danda’u
  • Mana keetitti keessummoota hanga namoota 20 qabaachuu dandeessa.
  • Bakki gabaa hundi ni banamu.
  • Manni nyaataa fi manni bunaa ni banamu mana keessa namoota 20 kan teessisuu fi walumaa gala keessummoota hanga 50 qabaachuu ni danda’u
  • Nageenya isaa irratti hundaawee isportiin itti fufa. Isportiin qaama wal tuqsiisu kanneen umrii hunda keessa jiraniif ni banama.
  • Wal-fuudhii fi awwaalchi hanga namoota 50 irratti argamuu ni danda’an.
  • Seera qaamaan wal irraa fageenyaa meetirii afurii irratti hundaawee sirni amantii ummataa itti fufa.

COVID Normal: Yoo guyyoota 28-iif (guutummaa godinaa) keessa dhibee haarayaan hin jiru yoo tahe, fi Australia keessa dhibeen kun deebisee hin ka’u yoo tahee, fi ogeessi fayyaa yoo itti waliif gale.

Yeroo kana irraa eegalee:

  • Haala nageenyaa irratti hundaawee qoqobbiin ni laaffata yookaan ni kaasama.
  • Namoota mana irraa dalagaa turaniif bakka dalagaatti deebi’uun ni eegalama.
  • Wal-fuudhaa fi awwalcha irratti argamuuf lakoysni hin murteessamu.
  • Wal-gahuu fi manatti walitti dhufanii wal dubbisuuf lakoysni hin murteessamu.

Akkamiin akka nagaa fi nageenyaan jiraattu

Coronavirus (COVID-19) amma illee nu waliin jira, dafees faca’uu danda’a. Nageenya maatii fi hawaasa keenyaa eeguuf, nu hundi gahee keenya haa hojjannu.

Nagaan jiraachuuf waan kanneen salphatti godhuu dandeessa:

  • Harka kee saamunaa fi bishaaniin yoo xiqqaate sekondii 20-iif dhiqadhu.
  • Tishuu yookaan ciqilee kee keessatti qufa’i yookaan haxxifadhu
  • Namoota kaan irraa wal irraa hiiqa gahaa tahe yoo xiqqaate meetirii 1.5 eeggachuu qabda.
  • Ala deemta yoo tahe haguuggii funyaan fi afaanii uffadhu.
  • Mana yaalaa deemii of ilaalchisi.
  • Yoo si dhukube mana turi. Matii dubbisuu yookaan gara dalagaa hin deemin.
  • Yoo mallattoo dhukubaa qabaatte laalami, gara manaa keettis kallattumaan yeroma san deebi’i.

Gargaarsi ni jira

Hanga itti baha coronavirus (COVID-19) laalama keetii eegdutti rakkoo maallaqaa yoo yaaddofte Kafaltii Maallaqaa kan yeroo laalamaa (Test Isolation Payment) $450 argachuuf tarii gahaa ni taata.

Yoo dhibee dhukubaa qabaatte yookaan nama dhibee dhukubaa qabu waliin qunnamtii dhihoo qabaatte , kafaltii maallaqaa $1,500 argachuuf gahaa tahuu malta. Odeefannoo dabalaaf Toora Gargaarsa Bilbilaa Coronavirus 1800 675 398 irratti bilbili. Yoo afaan hiikaa barbaadde lakoysa duwaa (0) tuqi.

Yoo ati yookaan namni biroo sodaa yookaan yaaddoo jabduun itti galte Lifeline lakoysa bilbilaa 13 11 14 irratti yookaan Beyond Blue, 1800 512 348 irratti itti bilbiluu dandeessa. Yoo afaan hiikaa barbaadde jalqaba 131 450 bilbili.

Yoo qofummaan sitti dhagahame sararaa bilbilaa coronavirus (COVID-19) 1800 675 398 irratti bilbilii, lakoysa 3 tuqi. Red Cross Australia irraa nama si gargaaru gara naannoo kee irraa tajaajila siif kennanii waliin wal si qunnamsiisa.

Haguuggii fuulaa

Viktorianiinni umriin isaanii 12 fi sanaa ol tahan haguuggii fuulaa ufachu qaban yeroo mana keessaa ala deeman, yoo waan hin haguugganneef sababa seerawaa tahe yoo qabaate malee, . Fakkeenyaaf:

  • haala dhukubaa, kan akka rakkoo gogaa qaamaa fuula irraa qaban, yookaan rakkoo afuura baasachuu yoo qabaatte
  • Yoo konkolaataa keessa jirta tahe, qofaa kee yookaan maatii kee waliin jirta yoo tahe
  • Yoo sochii qaamaa hargansiisaa godhchaa jirta tahe, garuu haguuggoo fuulaa qabattee deemuu qabda.
  • Onkololessa 11 (11-October) sa’aa 11:59 halkanii irraa eegalee haguggoo fuulaa yookaan hagooggoo funyaan fi afaan kee huwisu uffachuu qabda. Gaachena fuulaa qofa uffachuu hin qabdu.

 

Laalamuu fi adda bahuu

Mallattoo kam illee kan dhukuba coronavirus (COVID-19) yoo qabaatte laalamuu fi hanga itti baha isaa argattutti mana turuu qabda. Gara dalagaa yookaan gabaa hin deemin.

Mallattoon coronavirus kan inni dabalu:

  • Layidaa (qaama gubaa), dhaamochiisa yookaan dafqisiisaa
  • Qufaa yookaan dhukubbii laagaa keessaa
  • Afuura-kutaa
  • Furreessaa
  • Foolii fi dhandhama adda baasachuu dadhabuu

Coronavirus hundi tola laalama . Kunis kan dabalatu namoota Medicare hin qabne, namoota biyya alaa irraa do’annaaf dhufanii, hojetoota godaanoo (migrant workers) fi kolu-galtoota (asylum seekers) dabala.

Yoo dhibeen dhukuba coronavirus (COVID-19) si irratti argame, mana kee keessatti qofaatti bahuu qabda. Odeeffannoo dabalaaf yoo dhibeen dhukuba coronavirus (COVID-19) si irratti argame maal godchuu akka qabdu laali.

Nama dhibee coronavirus (COVID-19) qabu waliin qunnamtii dhihoo yoo qabaatte guyyoota 14 addatti bahu qabda. Odeeffannoo dabalataatiif yoo nama dhibee dhukuba coronavirus (COVID-19) qabu waliin qunnamtii dhihoo qabaatte maal godchuu akka qabdu laali.

Gargaarsa

Wanneen kanaa gadii kana kara email, sabaa-himaalee yookaan hidhata hawaasaa qabduun hawaasa keef qoodi.

Laalamuu fi adda bahuu

Nagaan turuu

Gargaarsa argachuu

Fuula haguuggachuu